Humna ibsaa adda cite bakkatti deebisuuf carraaqqiin taasifamaa jira-Distiriiktii Roobee.

81

Onkoloolessa 2/2015/TOI/- Humna ibsaa buufata maddisiisaa Malkaa Waakkannaa irraa gara buufata raabsaa ibsaa Roobee deemu deebisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu distiriktiin humna ibsaa Baalee Roobee beeksise.

Humni ibsaa kun erga addaan citee har'a guyyaa sadaffaa ta'uun himameera.

Hojii gaggeessaan humna ibsaa Baalee Roobee ob. Bahaamud Huseen akka jedhanitti, humni ibsaa kun sarara buufata maddisiisa ibsaa Malkaa Waakkannaa irraa gara buufata raabsaa ibsaa Roobee deemu Aanaa Diinshoo keessatti mukni sararicharratti kufee dhiyeessiin ibsaa addaan cituusaa himaniiru.

Sababuma kanaan magaala Roobee dabalatee magaalonni godina Baalee hedduun isaanii tajaajila ibsaa argataa akka hin jirres eeraniiru.

Yeroo ammaa kanas naannawa sararri ibsaa addaan citetti ogeeyyota humna ibsaa bobbaasuun, sarara ibsaa addaan cite suphuufi tajaajilli ibsaa akka deebi'uuf humna isaanii guutuun hojjataa jiraachuus ob. Bahaamud himaniiru.

Humni ibsaa addaan cituu isaatiin dhiifama kan gaafate tajaajilli humna ibsaa,maamiltoonnis miidhaan sarara humna ibsichaa irra gahe guddaa ta'uu hubachuun, tajajilichi hanga eegalutti obsaan akka eeggatan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015