Godina Gujii aanaalee lama keessatti daa’imman kuma 25tti hiiqaniif Talaalliin dhukkuba pooliyoo ittisu kenname

87

Onkoloolessa 2/1015 /TOI / Godina Gujii aanaalee lama keessatti daa’imman kuma 25 ta’aniif talaalliin dhukkuba pooliyoo ittisu kennamuu waajjirri eegumsa fayyaa godinichaa beeksise.

Talaalliin kun kan kenname aanaalee rakkoon nageenyaa keessa ture lama keessatti ta’uu waajjirichi ibseera.

Daa’imman kuma 24 fi 900 aanaalee lamaan keessatti argaman talaallii pooliyoo ittisu fudhachuunsaanii beekameera.

Waajjirichatti ogeessi ittisa yaaddoo fayyaa hawaasaa ob. Galaanaa Xilaayee akka ibsanitti, talaalliin kun aanaalee Liibanii fi Gumii Eldallootti kennamuu eeraniiru.

Sagantaa talaallii manaa manatti taasifameen daa’imman kuma 22f kennuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Sagantaa kanaan daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadii kuma 24 fi 994 talaallii fudhataniiru jedhaniiru.

Hubannoon hawaasa naannoo fayyaarratti qabu fooyya’aa waan dhufeef karooraa ol daa’imman kuma 2 fi 294 talaalamuu ibsaniiru.

Godina Gujii aanaalee rakkoo nageenyaa hin qabne 16tti talaallii pooliyoo marsaa duraatiin daa’imman kuma383 fi 683 talaalamuusaanii yaadataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015