Hirmaannaan Kaampaaniiwwan Hindi Guddina dinadee Itiyoophiyaa irratti qaban Michooma Biyyoota lamaanii kan Agarsiisudha-Ambaasaaddara Hindii

47

Onkoloolessa 2/2015 /TOI/ Hirmaannaan Kaampaaniiwwan Hindi Guddina dinadee Itiyoophiyaaratti qaban Michooma cimaa Biyyoota lamaanii kan Agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindii Shirii Roobarti Shetkiinteng ibsan.

Hindi akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1947 guyyaa gita bittaa Ingiliiz jalaa baateefi Itiyoophiyaa waliin hariiroo dippilomaasii kan itti eegalte waggaa 75ffaa kabajaa jirti.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindii Shirii Roobarti Shetkiinteng, Itiyoopjhiyaafi Hindi biyyoota michooma cimaa waggoota 200 ol qaban ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii erga jalqabee kaasee walitti hidhiinsi gama aadaa, qonnaa, maanuuufaakcharriingiifi misooma huccuutiin qaban cimee itti fufuu dubbataniiru.

Kaampaaniiwwaniifi warshaaleen Hindii dameelee addaddaatiin Itiyoophiyaa keessatti hojjetan 650 ol akka ta’an ibsanii, ammi Invasimantii doolaara Ameerikaa biiliyoona 5 ol ta’uu dubbataniiru.

Kaampaaniiwwan Hindii lammiilee Itiyoophiyaa kuma 75 oliif carraa hojii uumuudhaan dinagdee biyyattii keessatti hirmaachaa kan jiran ta’uun ammoo michooma biyyoota lamaanii caalaatti cimseera jedhaniiru.

Itti aanaa hojii raawwachiisaa korporeeshinii misooma paarkiiwwanii Addisuu Maammoo hirmaannaan kaampaaniiwwan Hindii paarkiiwwan Industirii  Itiyoophiyaarratti qaban olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Kaampaaniiwwan biyyoota addaddaa 14 paarkii industirii Boolee Lammii keessa jiran 14 keessaa sadansaanii kan Hindi ta’uu akka fakkeenyaatti ibsaniiru.

Lammiilee Itiyoophiyaa paarkicha keessatti carraan hojii uumameef kuma 23 keessaa kuma 10 kan ta’an Kaampaanii Hindiitiin kan qacaraman ta’uu eeraniiru.

Dhiheessii misooma bu’uraa, waa’ee nageenyaafi kenniinsa tajaajilaa paarkiiwwan industirii keessatti mul’atan ammayyeessuun kaampaaniiwwan biyya alaarraa dhufan bakka hojii mijataa uumuun danda’ameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015