Abbootiin Murtii Mana Murtii Federaalaa Ganna Yeroo Boqonnaasaanii Galmeewwan kuma 2 fi 200 Oliif Fala kennuun ibsame

161

Onkoloolessa 1/2015 (TOI) Abbootiin murtii mana murtii waliigalaa federalaa ganna yeroo boqonnaasaanii galmeewwan kuma 2 fi 200 ol fala akka argatan taasisuusaanii pirezidaantiin mana murtee walii gala federaalaa Ma’aazaa Ashannaafii dubbatan.

Sababa boqonnaatiin cufamee kan ture tajaajilli murtee mana murtee walii gala federaalaa, pirezidaantonni mana murtee federaalaa kan jalqabaa, olaanaafi mana murtee walii gala bakka argamanitti har’a jalqabameera.

Pirezidaantiin mana murtee walii gala federaalaa Ma’aazaa Ashannaafii sagantaa tajaajila murtee kanarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Bara hojii 2014 galmeewwan kuma 25 fi 480 dhihaatanii kuma 18 fi 979 murtee argachuusaanii yaadataniiru.

Qajeelfamoonni rakkoolee bulchiinsa kenniinsa murteerratti mul’atan furuu dandeessisan hedduun hojiirra akka oolan taasifamuu dubbataniiru.

Bara hojii darbetti galmeewwan kuma 6 ol bara 2015tti aaka cehan murtaa’us, tajaajila abbootiin murtee ganna yeroo boqonnaasaanii kennaniin galmeewwan kuma 2 fi 200 ol fala akka argatan taasifamuu ibsaniiru.

Sirna jalqabiinsa dhaddachaa bara 2015 har’a taasifamaa jiruun galmeewwan 270 ol mana murtii waliigalaatti akka ilaalaman ibsaniiru.

Pirezidaantii itti aanaan mana murtee walii gala Federaalaa Salamoon Araddaa, bara bajataa darbe tajaajilli murtee bilisa, al-loogii, si’ataafi qaqqabaa akka ta’u hojiileen hedduun hojjetamaniiru jedhan.

Bara 2015tti abbootiin murtee bilisaafi jiddu galiinsa tokko malee tajaajila kennuuf qophii ta’uusaanii ibsanii, qulqullina kenniinsa murtii guddisuuf xiyyeeffannoo addaatiin ni hojjetama jedhaniiru.

Beekumsaafi dandeettii murtee kennuu, tajaajila naamusaan guutameefi  teekinooloojiin deeggarame kennuun bu’a qabeessa, si’ataafi qaqqabaa gochuuf yaaliin akka taasifamu pirezidaantii itti aanaan kun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015