Ministirri Barnootaa Yunivarsiitii Hawaasaatti Argamuun Haala Qormaataa Ilaalaa Jiru

139

Onkoloolessa 1/ 2015 (TOI) Ministirri Barnootaa PiroofeesaYunivarsiitii Hawaasaatti argamuudhaan haala qormaataa ilaalaa jiru.

Yunivarsiitii Hawaasaa riqichi mooraa muummee mooraa teekinooloojii waliin wal quunnamsiisu kaleessa jiguusaatiin qormaanni addaan cituun ni yaadatama.

Qormaanni sababa kanaan addaan cite har’a kennamaa kan jiru yoo ta’u, ministirri barnootaa piroofeesar Biraanii Naggaa dabalatee pirezidaantiin Yunivarsiitii Hawaasaa Dr. Ayyaanoo Garaasoo fi hoggantoonni biroon barattoota daawwachaa jiru.

Yunivarsiitii Hawaasaatti bara barnootaa 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf barattoonni kuma 42 ol kan ramadaman yoo ta’u, marsaa duraaf barattoonni kuma 34 ol jiddu galeessota toorbatti qormaaticha fudhachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015