Hidhaa Shororkeessaa Waggootaa Dheeraa Boodaa Baradhee Har’a Qorumsaaf Ga’uu koof Gammadeera-Manguddoo waggaa Jaatamii Shanii

123

Onkoloolessa 1/2015 (TOI) “Shorkeessaa ABUT waggaa 20f na hidhee barumsa koo irraa nakutus osoo abdii hin kutatiin har’a qormaataaf ga’uu kootiif gammadeera” jedhan manguddoon waggaa jaatamii shanii.

Manguddoon kun qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har’a jalqabame Yunivarsiitii Gondaritti argamuun qoramaniiru.

Jiraataa aanaa Walqaayit magaalaa Addii Ramadii kan ta’an oB Abarraa Alamaayyoo TOIf akka himanitti, shororkeessaa ABUT waggoota 20f manneen hidhaa addaddaa keessatti isaan gidirsaa tureera.

 Daba garee shororkeessaa ABUTnarratti raawwateen barumsan jaaladhu addaan kutee gaabbiin guddaa keessa tureera” kan jedhan ob. Abarraan, gaabbiin kunis deebi’ee akkan baradhu na kakaaseera jedhaniiru.

Jijjiiramaan booda barumsa sadarkaa lammaffaatti deebi’uudhaan itti fufuusaanii kan dubbatan manguddoon kun, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yunivarsiitii Gondoritti argamuusaanii beeksisaniiru.

Yunivarsiitiin Gondor Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har’a jalqabamen barattoota kuma 23 fi 488f qorumsa kennaa akka jiru TOI gabaasuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015