''Itoophiyaa rakkoofi qormaatawaan keessas jiraattee damee hundaan milkaa'ina gaarii argamsiisaa jirti''

69

Fulbaana 30/2015(TOI) - Pireezidaanit Saahilewariq Zawudee Itoophiyaa rakkoofi qormaatawaan keessas jiraattee damee hundaan milkaa'ina gaarii argamsiisaa jirti jedhan

Pireezidaanit Saahilewariq Zawudeen yaa'ii idilee waloo bara 2015 Mana maree bakka bu'oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii jalqabiisaniiru.

Yaa'icharratti ijoowan kallatti hojii mootummaa ilaalchisuun haasaa taasisaniiru.

Itoophiyaan bara bajataa darbe rakkoowwan heddu keessa taatee Filannoo dimokiraatawaa taasisuun mootummaa haaraa hundeessu danda'uu yaadachiisaniiru.

Biyyatti rakkoowaniif biyya hin jilbeeffanne ta'uu himanii, rakkoofi qormaatawan hedduu keessas jiraatte damee hedduun milkaa'ina gaariirra jirti jedhaniiru.

Damee Tajaajilaafi daldalaarratti hojiin boonsaan hojjetamuu himaniiru.

Gama sharafa biyya alaa argachuun baroota darban caalaa galii argame argamuu himanii, bara bajataa haaraa kanatti carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015