Barattoonni kuma 560 ol Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Fudhachaa Jiru- ministeera Barnootaa

105

Fulbaana 30/ 2015 (TOI) Barattoonni kuma 560 ol ta’a jiddu galeessota 130 keessatti qormaata biyyaalessaa kutAA 12ffa fudhachaa akka jiran ministeerri barnootaa ibseera.

Ministirri barnootaa piroofeeser Birhaanuu Naggaafi de’eettaa ministirootaa jalqabbiifi haala qormaatichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Haala kanaan barattoonni kuma 560 ol ta’an jiddu galeessota 130 keessatti haala tasgabbii qabuun qormaata fudhachaa akka jiran himaniiru.

Barattoonni Goojjam bahaa aanaa Innaarji ainnaawugaa irraa yunivarsiitii Maqdalaa Ambaatti ramadaman qormaanni osoo hin jalqabamiin dura “qormaata hin fudhannu” jechuun dhiisanii bahuusaaniiibsanii, “sababasaa qorannee tarkaanfii fudhannu ni ibsina” jedhaniiru.

Yunivarsiitii Hawaasaa mooraa muummeetti riqichi jigee barattoota muraasarra balaan qaqqabuusaa eeraniiru.

Barattoota balaan irra gaeef gaddasaanii ibsanii, barattoonni miidhaan irra ga’e yaalamaa akka jiran beeksisaniiru.Barattoonni miidhaan irra ga’e erga bayyanatanii booda qormaata akka fudhatan ni taasifama jedhaniiru.

Kaneeniin ala bakkeewwan birootti qormaanni nagaafi tasgabbiidhaan kennamaa akka jiru ministirichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015