Leenjiin Ogummaa Gabaan Akka Durfamu Gochuuf Sirni Barnootaa Haaraan Qophaa’uunsaa Ibsame

100

Fulbaana 27/2015 /TOI/ Leenjiin ogummaa gabaadhaan akka durfamu gochuuf sirni barnootaa haaraan qophaa’uusaa ministeerri hojiifi ogummaa beeksise.

Ministeerichi kolleejota teekiniikaafi ogummaa, nageenya industiriifi bobba’iinsa hojii, ogeessotaafi gaggeessisoota seektaroota carraa hojii uummuu Oromiyaa, Gaambeellaafi Affaar irraa dhufaniif leenjii dandeettii guddisu Adaamaatti kennaa jira.

De’eettaan ministiraa hojiifi dandeettii ob. Assagid Geetaachoo TOIf akka ibsanitti, sagantaawwan leenjii hundi gabaan industirii kan barbaadu ta’uu qabu jedhaniiru.

Keessumaa human namaa ga’umsa ogummaa qabuufi dorgomaa ta’e industirii oomishaatiif dhiheessuufi leenjiin carraa hojii uumuu ga’ee olaanaa akka qabaatu taasisuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Carraa hojii uumuun cinaatti walitti hidhiinsa gabaafi dandeettii ogummaa gama gabbisuutiin sirni barnootaa haaraan ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru.

Kana malees hojjettoota  biyya alaatti erguu ilaalchisee hojjetamaa akka jiru kan eeran ob. Assagid, lammiileen damee kanarratti bobba’an leenjii ogummichi barbaadu akkasumas beekumsa teekinooloojiin deeggarame akka qabaatan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Ogeeyyonni leeni’an hojii biyya alaarratti akka bobba’an gochuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Bara kana lammiilee miiliyoona 3 tuqaa 7 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfamuusaa ob. Assagid eeranii, bakka hojiifi gurgurtaa akkasumas tajaajila liqii mijeessuuf naannolee waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Leenjiin ogummaa gabaan akka durfamu gochuuf qorannoowwan gabaa industiriifi maanuufaakchariingii bu’uureffatan taasifamuusaanii kan ibsan ammoo ministeerichatti hojii raawwachiiftuu olaantuu qajeelcha hojii adde Manan Mallasi.

Qorannoo kanarratti hundaa’uun sirni barnootaa haaraa adeemsa misoomaafi guddina biyyattii waggaa 10 dhufanii xiyyeeffannaa keessa galche qophaa’uusaa ibsaniiru.

Kolleejonni leenjii ogummaa kennan caasaan haala qabatamaa naannoo isaanii waliin deemu hojjetamaa akka jiru eeranii, leenjiin ogummaafi dandeettii walfakkaataa ta’e ni kennama jedhaniiru.

Kunis misooma dandeetti qindaa’aa, carraa hojii uumuu, walitti hidhiinsaafi nageenya maanuufaakchariingiifi industirii cimsuuf sirna leenjiifi hojmaata  baratame keessaa ba’uuf kan xiyyeeffate ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015