Baatiiwwan Lamaan Darban Magaalaa Finfinneetti Galiin Birrii Biiliyoona 14 tuqaa 2 sassaabameera-biiroo Galiiwwanii

74

Fulbaana 27/2015 (TOI) Biiroon galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara baatiiwwan lamaan bara bajata kanatti galii birrii biiliyoona 14 tuqaa 2 sassaabuusaa beeksise.

Itti gaafatamaan biiroo galiiwwanii magaalaa Finfinnee ob. Mulugeetaa Tafarraa TOItti akka himanitti, dinagdee biyyattii bu’uura amansiisaa qabsiisuuf yaalii taasifamuuf hirmaannaan hawaasa gibira kafaltootaa tarkaanfii gaarii agarsiisaa dhufeera.

Haala kanaan biiroon kun baatiilee lamaan Adoolessaa amma Qaammeetti jiran keessatti birrii biiliyoona 12 tuqaa 8 sassaabuuf karoorfatee karooraa ol birrii biiliyoona 14 tuqaa 2 sassaabuusaa eeraniiru.

Raawwiin kun kan waggaa darbee yeroo wal fakkaataa waliin walbiratti yoo ilaalamu baay’ina galiifi hirmaannaa kafaltoota gibiraatiin jijjiirama akka qabu ibsameera.

Haalli sassaabbii gibiraa akka fooyya’u biiroon galii kafalatoota gibiraa amanamoof  beekamtiifi onnachiiftuun kennaa akka jiru eeraniiru.

Kafaltoonni gibiraa beekamtiin kennameef tajaajila si’ata akka argatan foddaa addaa qopheessuudhaan dusa akka tajaajila argatan taasifamaa jira jedhaniiru.

Jiraattonni magaalaattii gibira isaanirraa eegamu yeroosaatti sirnaan kafaluun itti gaafatama isaanii ba’uu akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015