Tapha Shaampiyoonaa Guutuu Oromiyaatiin Bulchiinsi Magaalaa Bushooftuu Mo'ataa walii Galaa Ta'e

106

Naqamte Ebla 18 /2011 Ebla 6 amma Ebla 18tti Istaadiyeemii Naqamteetti adeemsifamaa kan ture Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa mo'annaa walii galaa bulchiinsa magaalaa Bushooftuutiin xumurameera.

Dorgommiiwwan shaampiyoonaa gosoota ispoortii 20n adeemsifame irratti ispoortessitoonni kuma 4 fi 363 hirmaataniiru.

Dorgommii Shaampiyoonaa kanaan bulchiinsi magaalaa Bushooftuu waancaawwan shan argachuudhaan mo'ataa walii galaa ta'eera.

Magaalaan Naqamtee waancaa 5, magaalaan Shaashamannee waancaa 4 argachuudhaan lammaffaa fi sadaffaa ta'uun dorgommiisaanii xumuraniiru.

Komishinariin komishinii ispoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen dorgommiin Shaampiyoonaa kun ispoortiin naannawaa fi sochiin daldalaa akka dadammaqu gumaacha taasisuusaa dubbataniiru.

"Shaampiyoonaan kun naamusni ispoortii kan keessatti mul'ate waan ta'eef nagaan jalqabamee nagaan xumurameera" jedhaniiru.

Dorgommiin shaampiyoonaa kun ispoortessitoota naannicha bakka bu'anii sadarkaa Itiyoophiyaatti dorgoman filachuuf kan gargaarudha.

Keessummaa kabajaa ta'uun kan argaman komishinariin komishinii ispoortii RFDI obbo Ristuu Yirdaawu akka dubbatanitti, istaadiyeemiin Wallaggaa ijaaramuunsaa sochii ispoortiin guutummaa Itiyoophiyaa guddisuuf shoora qaba.

Ispoortessitoota bakka bu'an horachuuf shoorri gumaachus olaanaa akka ta'e ibsaniiru.

"Ispoortiin jaalala, waliif yaaduu kan cimsu waan ta'eef damee kana guddisuuf deeggarsi taasifamu cimee itti fufa" jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Naqamtee obbo Boggaalee Shuumaa ispoortessitoonnii fi maatiiwwan ispoortii yeroo taphni kun adeemsifamu tokkummaan, jaalallii fi wal danda'uunagarsiisan itti fufiinsa akka qabaatu hundi itti gaafatama fudhatee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015