Godinichi Lafa Heektaara 200 Irratti Jallisiin Qamadii Misoomsaa Jira

53

Fulbaana 27/2015/TOI/-Gonina Shawaa Bahaatti Lafti heektaara 200 jallisiidhaan Qamadiin misoomsaa akka jiru Waajjirri qonnaa godinichaa beeksese.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa ob. Masfin Tashoomaa TOIf akka ibsanitti, bara darbe lafti heektaarri kuma 65 jallisii bonaatiin qamadiin misoomee oomishni kuntaalli miiliyoona 2 tuqaa 7 agramuu dubbataniiru.

Bara kana karoora bal’aa qabachuun hojiitti galamuu kan ibsan ob. Masfin, bona baranaa lafa heektaara kuma 200 irratti Qamadii misoomsuuf hojiin jalqabamuu dubbataniiru.

Kanarraas oomisha kuntaala miiliyoona 8 tuqaa 6 argachuuf karoorfamuu eeranii, kun ammoo qamadii biyya alaatti erguuf karoora qabame milkeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Misoomni Qamadii kun aanaalee 10 keessatti akka adeemsifamu kan dubbatan itti gaafatamaan kun, qonnaan bulaaf hubannoo kennuu irraa kaasee ogummaan deeggaruufi dhiheessii galtee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Hanqinni dhiheessii sanyii filatamaafi xaa’oo akka hin uumamne lafa heektaara kuma 30 irratti sanyiin baay’ifamaa akka jiru kan himan ammoo itti aanaa itti gaafatamaa waajjirichaa ob. Abinnat Abarraati.

Misooma qamadii jallisii bonaa baranaatiif xaa’oo kuntaala kuma 400 ol akkasumas sanyii filatamaa kuntaala kuma 300 dhiheessuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Kana malees paampiiwwan human guddaa qaban 823 qonnaan bulaaf kan dhihaatu ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan tiraaktara qonnaa liqii mataasaatiin akkasumas kiraa gatii xiqqootiin akka argatu mijeeffamaa akka jiru beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015