Dorgommii Kubbaa Miilaa Seekaafaa Waggaa 17 gadiin Yugaandaan Xumura walakkaaf Darbite

82

Fulbaana 26/ 2015 (TOI) Dorgommii kubbaa miilaa Seekaafaa Itiyoophiyaan keessummeessaa jirtuun Yugaandaan xumura walakkaaf darbiteetti

Dorgommiin kubbaa miilaa Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti adeemsifamaa jiru kun erga jalqabamee har’a guyyaa afraffaa isaati.

Tapha garee lammaffaa taasifameen gareen biyyaalessaa Yugaandaa waggaa 17 gadii gita isaa Sudaan Kibbaa goolii 4 fi 1n mo’ateera.

Taphataan Yugaandaa Araafaat Nikoolaa goolii 2 ,akkasumas Paatriik Siimbuusiifi Abuubaakaalii Waaluusiimbii goolii tokko tokko Yugaandaaf galchaniiru.

Sudaan Kibbaaf ammoo Abrahaam Okkeellii  goolii tokko galcheera.

Haala kanaan gareen biyyaalessaa Yugaandaa qaxii isaa 6tti guddisuudhaan xumura walakkaaf darbeera.

Gareen biyyaalessaa kun gareen lama keessaa tapha jalqabaatiin Burundii 4fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015