Taateen Ardii Afriikaa "Afriikaan Afriikaanotaaf" jedhu Finfinneetti Adeemsifamuufi

86

Fulbaana 26/2015 (TOI) Taateen Ardii Afriikaa” Afriikaan Afriikaanotaaf” jedhu Finfinneetti akka adeemsifamu ministeerri dhimma alaafi ministeerri tuuriizimii beeksisan.

Taatee kanarratti Itiyoophiyaan ejjennoo “tokkummaa ardii cimsuudhaan faayidaa waloof ka’uu barbaachisa” jedhu ibsitti jedhameetu eegama.

Taateen ardii Afriikaa kun Onkoloolessa 11-13/2015tti Finfinnee paarkii obbolummaatti akka adeemsifamu beekameera.

Ministeera dhimma alaatti daarektarri jeneraalaa paabiliik dippilomaasii ambaasaaddar Diinaa Muftii TOIf akka ibsanitti, taateen kun irra guddeessa Itiyoophiyaan cimina tokkummaa Afriikaafi badhaadhina waloof ejjennoo qabdu kan agarsiisudha.

Sagantaawwan duudhaa ofiitiin fayyadama waloo cimsuu jedhu milkeessuuf dandeessisan akka raawwatamanis eeraniiru.

Kun ammoo obbolummaa Afriikaanotaa cimsuurra darbee afriikaan dhageettiifi fudhatama idil addunyaatti qabdu mul’isuuf haala mijataa uuma jedhaniiru.

Walitti hidhiinsiifi michoomni Itiyoophiyaan biyyoota Afriikaa waliin qabdu cimuunsaa milkaa’ina faayidaa biyyaalessaaf shoora olaanaa akka qabaatu qabatamatti agarsiisuuf kan adeemsifamu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan faayidaalee nagaafi tasgabbii, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa milkeessuuf oollaashee akkasumas biyyoota Afriikaa waliin hojjechuun sirrii ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis taateen baatii Onkoloolessaa dhufu adeemsifamu dhaabbilee walta’insaafi riijinii cimsuudhaan obbolummaa Afriikaa ifatti baasuuf ga’ee olaanaa akka qabu himaniiru.

Taateewwan akkasii qopheessuudhaan cimina paabiliik dippilomaasiif hojiin walirraa hin cinne akka hojjetamu ibsaniiru.

De’eetaan ministira tuurizimii Salaamaawiit Daawiit taateen kun Itiyoophiyaatti adeemsifamuunsaa dameen tuurizimii caalaatti akka ol jedhu ni taasisa jedhaniiru.

Tuurizimiin Itiyoophiyaa dhiibbaawwan addaddaatiin qormaata keessa akka ture eeranii, damee kana dadammaqsuuf konfaransii tuurizimii dabalatee dameelee biroorratti xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Waltajjiiwwan idil addnyaa kan keessummeessitu Finfinneen Taateen kun tuurizimii konfaransii dabalataa, biyyaaf ammoo faayidaa dinagdee ni fida jedhaniiru.

Biyyoonni taatee kanarratti hirmaataniif waltajjii  aadaa nyaataafi uffannaa, dudhaa, haala jireenyaa akkasumas iddoowwan tuurizimii isaanii kan itti beeksisan jiraachuusaa dubbataniiru.

Kanaaf Itiyoophiyaan qabeenya qabdu beeksisuudhaan faayidaa dinagdee dame kanarraa argamu guddisuuf taateen kun carraa gaarii ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan iddoowwan hawataa seenaafi hambaa akkasumas iddoowwan hawata tuurizimii kan qabdu ta’uu eeranii, biyyoonni Afriikaa taatee kanarratti hirmaachuuf dhufan bakkeewwan hawattootaa kana akka daawwatan ni taasifama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015