Shira Dinagdee Gareewwan Shororkeessaa Fashaleessuuf Carraaqqii Mootummaafi Ummataa barbaada

70

Fulbaana 26/2015 (TOI) Shiroota dinagdee shororkeessaa ABUT fi humnoota badii kanneen birootiin xaxaman fashaleessuuf carraaqqii mootummaafi ummataa kan gaafatu ta’uu hayyoonni dinagdee dubbatan.

Shororkeessaa ABUT Itiyoophiyaa diiguuf sanada “adeemsaafi tarsiimoo boqonnaa xumuraa”jechuun qopheesseen tooftaan badiisaa inni tokko shirri dinagdee akka raawwatu taasisuudha.

Tarsiimoosaa badii kanaan magaalaafi baadiyaatti jireenyi walxaxaan akka uumamuufi ummanni mootummaarratti akka kaka’u taasisuudha.

Midhaan akka hinsassaabamne, hanqinni oomishaa gabaarratti uumamee qaala’insi jireenyaa akka mul’atu gochuun tooftaa isaati.

Yuunivarsiitii siviil sarviisiitti hayyuun dinagdee piroofeeser doktor Wandaafarraawu Mulugeetaa TOI waliin turtii taasisaniin, shirri dinagdee gama hedduun kan ibsamuufi tooftaa badii biyya dadhabsiisuuf oolu ta’uu dubbataniiru.

Shirri kun irra guddeessa faayidaa ofii eegsisuuf ykn ergama kanneen biroo milkeessuuf jecha kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.

Shirri dinagdee shororkeessaa ABUTn Itiyoophiyaarratti xaxame karoora diinota keessaafi alaa waliin ta’uu biyya diiguuf karoorfamedha.

Yuunivarsiitii infinneetti barsiisaan dinagdee doktor Biraanuu Danuu,shiroonni dinagdeerratti raawwataman bifa baay’ee qabaatanis shororkeessaa ABUTn kan karoorfame Gruu qonnaa dabalatee oomishoonni biroo akka hin oomishoofne, akka barnadaawan ykn akka dhokfaman gochuudhaan hanqina uumuu akka ta’e ibsaniiru.

Karoorri shororkeessaa ABUT karoora badii isaafi kan ormarraa fudhate galmaan ga’uuf akka ta’e dubbataniiru.

Waan kana ta’eef shiroota dinagdee akkasi biyyarratti xiyyeeffatan qolachuuf yaalii mootummaafi ummataa akkasumas miidiyaarraas hojiin hubannoo uumuu akka eegamu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015