Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo Finfinnee galan

54

Fulbaana 26/ 2015 (TOI) Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

Pirezidaanti Wiiliyaam Ruuttoo dirree xiyyaaraa idil adduunyaa Boolee wayita ga’an simataniiru.

Ministirri ittisaa doktor Abrahaam Balaayi fi ministira maallaqaa Ahimad Shidee dabalatee anga’oonni mootummaa biroo sirna simannaa kanarratti argamaniiru.

Pirezidaanti Wiiliyaam Ruuttoo turtii isaaniitiin walta’iinsa biyyoota lamaaniifi dhimmoota riiginiirratti ni mari’atu jedhameetu eegama.

Itiyoophiyaafi Keeniyaan michooma yeroo dheeraa kan qabaniifi walta’iinsa faayidaa waliiniirratti hundaa’e kan qabanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015