Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteeleen qonnaa gumaacha olaanaa akka qaban himame

146

Mariin oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteelee akka xaa'oo dhangala'aa fayyadamuurratti xiyyeeffate qooda fudhattoota seektaraalee qonnaa godinaalee Baalee lamaaniifi magaalaa Roobee hirmaachise magaalaa Roobeetti gaggeeffameera.

Saganticharratti kan argaman ittigaafatamaan waajjira qonnaa godina Baalee obbo Aliyyii Muhaammad, mootummaan qamadii biyya alaatii galu hambisuufi biyya alaatti erguuf inisheetiviiwwan qonnaa adda addaa hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru.

Milkaa'ina inisheetivii oomishaafi oomishtummaa guddisuu kanaafis galteeleen qonnaa kan akka xaa'oo dhangalaa'aa qonnaa gumaacha olaanaa akka qabu himan.

Keessattuu,hudhaalee dhiyeessii xaa'oon wal qabatee qonnaan furuuf dhaabbilee galteelee qonnaarratti hojjatan kan akka dhaabbata xaa'oo dhangala'aa Ikoo Giriin waliin xaa'oo yeroon gatii madaalawaa ta'een qonnaan bultootaaf dhiyeessuun dhaabbicha waliin qindoominaan kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.

Ittaanaan daarektara dhaabbata xaa'oo dhangala'aa Ikoo Giriin obbo Yawaalaasheet Geetaahun, dhaabbatichi xaa'oo uumamaa oomishaafi oomishtummaa dabaluun cinaatti baasii xaa'oo biyya alaatii galu xiqqeessuu keessatti gahee isaa bahataa jiraachuu himan.

Xaa'oon kun hafteelee bu'aa uumamaa biyya keessatti argamanirraa waan oomishamuuf baasiilee keemikaalaa biyya alaatii galu hambisuun, xaa'ummaa biyyee dabaluun qonnni itti fufiinsa qabu akka gaggeessuufis tumsa olaanaa akka qabus eeraniiru.

Fedhii qonnaan bultoonni xaa'oo uumamaaf qaban yeroo gara yerootti dabalaa dhufe guutuuf hojii babal'isuufi dandeettii raawwachiisummaa dhaabbatichaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuus ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni xaa'oo uumamaa kana fayyadamuun muuxannoo qaban, xaa'oon uumamaa dhangala'aa ikoo giriin oomishaafi oomishtummaa dabaluun cinaatti,dhiibbaa fayyaa namaafi beeyilada irratti kan hin qabne ta'uus dubbataniiru.

Baasii duraan xaa'oo jajjabootti baasaa turan caalmaadhaan xiqqeessuufi qonna itti fufiinsa qabuuf tumsa olaanaa godhaafii jiraachuus himaniiru.

Hirmaattonni seektaraalee qonnaa maricharratti hirmaatan, oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuuf galteeleen akka xaa'oo dhangala'aa gumaacha olaanaa waan qabaniif dhaabbilee galteelee qonnaarratti hojjatan jajjabeessuuf kan hojjatan ta'uus eeran.

Godina Baaleetti bara kana galteelee qonnaa adda addaatti fayyadamuun lafa hektaara kuma 241 ol misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ragaan waajjira qonnaa godinichaarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015