Finfinnee Naannawa Gootaraatti Ijaarsi Jigee Lubbuun nama Lamaa Darbe

81

Fulbaana  25/2015 (TOI) Magaalaa Finfinnee naannawa Gootaraatti Ijaarsi  daandii utubuuf ijaarame jigee mana jireenyaarratti kufuusaatiin Haatiifi mucaanshee kan waggaa 7 lubbuunsaanii darbeera.

Balaan kun kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 3 gamoo mana wangeelaa Gootaraa duubatti kan qaqqabe yoo ta’u, maatiiwwan mana keessa jiran keessaa lubbuun nama lamaa darbuu komishiniin hooggansa hojii ibiddaafi soda balaa ibseera.

Balaan kun halkan sa’atii 10tti kan qaqqabe yoo ta’u, የhaati umriin ishee waggaa 35 mucaashee waggaa 7 waliin lubbuun isaanii darbeera.

Ogeessi sab quunnamtii komishinii hooggansa hojii ibiddaafi soda balaa Finfinnee Nigaatuu Maammoo, ijaarsi kun jiguusaatiin hirribarra utuu jiranii irratti kufee lubbuusaanii

Manni jireenyaa kun jiaarsaa kanaafi xiyyoo daandiirraa meetira 5 fagaatee waan jiruuf irratti jiguusaa ibsaniiru.

Hojjettoonni yeroo balaafi hawaasni naannawaa akkasumas miseensonni nageenyaa reeffasaanii jiga keessaa baasuusaanii ob. Nigaatuun dubbataniiru.

Namoonni manneen keessa turan 4 balaa kanarraa of oolchaniiru jedhaniiru.

Balaa qaqqabeen manneen jireenyaa sadii guutummaatti barbadaawuunsaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015