Naannoo Oromiyaatti Bara Bajataa Kana Namoonni Miiliyoona 2 Tuqaa 5 caraa Hojii Ni Argatu Jedhame

87

Fulbaana 24/2015/TOI /Bara kana naannoo Oromiyaatti namoota miiliyoona 2 tuqaa 5f carraa hojii uumuuf hojjetamaa akka jiru biiroon carraa hojii uumuufi ogummaa naannichaa beeksise.

Leenjiin ogummaa kolleejota teekiniikaafi ogummaa magaalaa Naqamteefi godina Wallagga Bahaa, waajjiraalee carraa hojii uumuufi ogummaa, bakka buutota dargaggootaafi dubartootaaf kennamaa jira.

Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa ob. Adam Kaamiil akka jedhanitti bara bajataa kana carraa hojii bal’aa uumuuf hojjetamaa jira.

Dargaggoonni hojiitti galuu akka danda’an mootummaan wantoota hojii gargaaran mijeessaa turuusaa eeraniiru.

Intarpiraayizoonni addaddaa akka guddatanis carraa gaarii mijeessaa turuusaa dubbataniiru.

Dargaggoonni hojii barbaachaaf jecha yeroosaanii akka hin balleessine qabeenya uumamaa biyyattii fayyadamuudhaan hojii akka uuman hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannichatti aadaa hojii ummatichaa jijjiiruuf namoota miiliyoona 9 caalaniif leenjiiwwan teekiniikaafi oguummaa kennamaa akka jirus eeraniiru.

Haala kanaan bara bajataa kana namoonni miiliyoona 2 tuqaa 5 carraa hojii akka argatan dubbataniiru.

Kanaaf akka gargaaru leenjii Intarpiruunershiippii, tajaajila ogummaafi dijitaalaa kan kennamu ta’uu himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii fi ogummaa magaalaa Naqamtee ob. Kaffaaloo Nugusee, dargaggoonni hojii osoo hin jalqabiin dura leenjiin ogummaa  ni kennamaaf jedhaniiru.

Bara kana godina Wallaggaa Bahaatti liqiin birrii miiliyoona 200 ol mijaa’uusaafi dargaggoonni kuma 100 ol hojiitti galchuuf karoorfamee  hojiitti galamuunsaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015