Muziyeemiin Saayinsii Itoophiyaa har'a eebbifame miidhagina magaalaaf qooda olaanaa qaba

102

Fulbaana 24/2015 (TOI) – Muuziyeemiin Saayinsii har’a eebbifame miidhagina magaalaa Finfinnee dabaluuf qooda olaanaa qabaachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen himan.

Muziyeemichi gama saayinsii fi teeknoolojiitiin giddu gala qo’annoof qorannoo ta’ee tajaajiluu danda’a jedhan.

Jiraattoonni magaalaa kanneen fedhii saayinsii fi teeknoolojii qaban muuziyeemicha akka daawwatan afeeraniiru.

Piroojektichi giddu gala qo’annoo fi qorannoo ta’uun dhaloonni qorannoo saayinsii fi teeknolojiitiin akka dagaaguuf qooda qabaachuu isaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Muuziyeemichi bifa kanaan akka hojjetamu qooda Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad qabaniif galata dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015