Godina Jimmaatti Paampiwwan bishaanii 850 dargaggoota waldaan gurmaa'aniif laatame.

140

Jimmaa, Fulbaana 24/2015(TOI) - Godina Jimmaatti Paampiwwan bishaanii 850 dargaggoota waldaan gurmaa'aniif laatame.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tajaanii Naasiir sirna walharkaa fuudhinsa Paampiwwan kanneenirratti akka dubbatanitti, dargaggoota gurmeessanii hojii qonnaarratti bobbaasuun oomishaafi oomishitummaa guddisuun cinaatti carraa hojii uumuufis kan gargaarudha.

Akka Obbo Tujaanii Naasir himanitti paampiwwan bishaan madda isaarraa harkisan 850 dargaggoota waldaan gurmaa'aniif har'a laatame kun waliigalaan dargaggoota kuma 8 ol fayyadamoo taasisa.

Godinichatti bara kana lafa heektaara kuma 140 misoomu keessaa lafti heektaarri kuma 80 paampiiwwan bishaan harkisan kanaan kan misoomu ta'uu himaniiru.

Godinichaatti itti gaafatamaan Waajjira abbaa taayitaa jallisii obbo Toofiq Raayyaa gama isaaniin paampiwwan waldaaee kanaaf kennaman birrii miliyoona 35'n kan bitamaan ta'uu himaniiru.

Maallaqani kun mootummaa naannoorraa kan liqaan argame yoo ta'u liqaan kun waggaa 4 keessatti deebi'a jedhaniiru.

Yeroo itti aanutti immoo waldaalee kanneenif galteewwaan biroo oomishitummaa dabalan kan dhihaatuuf ta'uu himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Qarsaa obbo Toofiq Giddii akka himanitti aanichatti lafa heektaara kuma 7 ol jallisiin misoomsuuf karoorfamuu himaniiru.

Paampiwwan amma kennamaan kunneen immoo karoora kana galmaan gahuuf gahee olaanaa qabu jedhaniiru.

Dargaggoonni waldaan gurmaan lageen naannaawwaa kanatti argaman irraa paampiwwaan kanneenis bishaan harkisuun misooma jallisiirraa fayyadamoo akka ta'an kan gargaarudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015