Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahmad Muuziyeemii Saayinsii Eebbisanii Banan

119

Fulbaana 24 /2015 (TOI)-Muummeen ministiraa Abiyyi Ahmad muuziyeemii saayinsii eebbisanii banan.

Muuziyeemiin kun lafa keektaara 6 tuqaa 78 irratti kan ijaarame yoo ta’u, gamoo saayinsiifi Artii walitti kan qabatedha.

Guddina saayinsii Itiyoophiyaatiif  gumaacha guddaa akka qabu eerameera.

Eebba muuziyeemii kana cinaatti yaa’iin artifishaala Intelejensii paan Afriikaa adeemsifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015