Godinichatti Deeggarsi Meeshaalee Barnootaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 5tti tilmaamamu taasifame.

77

Fulbaana 23/2015/TOI/- Godina Gujiitti manneen marnootaa shororkeessaa Shaneen saamamaniifi mancaafamaniif deeggarsi meeshaalee barnootaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 5tti tilmaamamu taasifameera.

Deeggarsi kun manneen barnootaa sagaliif akka ta’e bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa ob. Giruum Zannabaa ibsaniiru.

Haleellaa gareen shororkeessaa kun taasiseen dhaabbilee barnootaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hedduun saamamuufi mancaafamuunsaanii beekameera.

Manneen barnootaa kunneen hojii idileesaanii akka jalqaban teessoowwan biiroo 20, teessoofi minjaalli barattootaa 180 akkasumas gabatee gurraachi 60 deeggarsa taasifamaniiru.

Kana malees barattoota manneen barnoota kanneenitti baratan kuma 1 fi 600f dabtara, irsaasii,qalamaafi manneen barnootaaf ammoo boronqiin deeggarsaan kennamaniiru.

Godinichatti aanaa Liiban dursaan mana barumsaa Mugaayoo sadarkaa tokkoffaa ob. Abdullaahii Mahaammad, kutaaleen barumsaa 8 garee shororkeessaa kanaan manca’uufi saamamuu dubbataniiru.

Sababa kanaan manni barumsaa kanaan dura barattoota 500 barsiisaa ture kun barana barattoota 177 qofa simachuusaa eeraniiru.

Deeggarsi taasifame kun akkuma kanaan dura barattoota hedduu simachuuf kan deeggarudha jedhaniiru.

Godina Gujiitti manneen barnootaa 850 keessatti barattoonni kuma 400 ol sirna barnootaa haaraatiin barnoota idilee hordofaa akka jiran eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015