Hoggantoonniifi hojjetoonni Hospitaala Ispeeshaalayidii yaala fayyaa samuu Quddus Amaanu'eel Raayyaa Ittisa Biyyaaf miindaa isaanii ji'a tokkoo arjooman.

94

Fulbaana 23/2015(TOI) - Hoggantoonniifi hojjetoonni Hospitaala Ispeeshaalayidii yaala fayyaa samuu Quddus Amaanu'eel Raayyaa Ittisa Biyyaaf miindaa isaanii ji'a tokkoofi waantoota biroo gatiin isaaniibirrii kuma 360 baasaan arjooman.

Hoggantoonniifi hojjetoonni dhaabbaticha mata duree ''Dhiiga keenyaa Raayyaa keenyaaf'' jedhuun dhiigas arjoomaniiru.

Hogganaan Hospitaalichaa Ada'oo Fajoo birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf gootoota kufanii kuffisaa jiraniif deeggaruufi dhiiga arjoomuun gochaa nama boonsudha jedhaniiru.

Kanaaf hoggantoonniifi hojjetoonni Hospitaalaa Ispeeshaalayidii yaala fayyaa samuu Quddus Amaanu'eel miindaa isaanii ji'a tokkoofi uffata adda addaa birrii kuma 360 bitameefi beelladoota qalmaaf oolanaa birrii kuma 82 bituun deeggarsa taasisaniiru jedhaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsa barbaachisu taasisuun daawoo Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'uu keenya itti fufna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015