Godinichatti Sanyii Filatamaa Qamadii Kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 1 Argachuuf Karoorfameera

66

Fulbaana 23/2015 (TOI)- Godina Harargee Lixaattii lafa heektaara kuma 30 sanyiin faca’e irraa sanyii filatamaa Qamadii kuntaala miiliyoon 1 tuqaa 1 ol argachuuf karoorfamuun ibsame.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaafi qabeenya uumamaa godina Harargee Lixaa ob. Huseen Mahaammad akka ibsanitti, qonna gannaa bara 2014tiin lafti heektaarri kuma 30 oomisha qamadii sanyii filatamaan facaafameera.

Qonnaan bultoonni yaada kennan akka jedhanitti, kanaan dura lafa heektaara 1 irraa kuntaala 10 amma 15 caalaa hin argatan.

Godinichatti bara 2012 irraa kaasee sanyiin filatamaa Qamadii oomishuu erga jalqabanii asitti heektaara tokkorraa oomisha kuntaala 45 amma 50 akka argamu beekameera.

Gammoojjii godinichaattis qonnaan bultoonni sanyii filatamaa Qamadii oomishuu akka eegalan itti gaafatamaan kun eerraniiru.

Qonnaan bulaan godinichaa irra caalaan sanyii filatamaa fayyadamuudhaan oyiruu walitti aanu waliin misoomsaa qonna ammayyaatti seenaa akka jiru dubbataniiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Mi’eessoo ganda Odaa Bal’aa qonnaan bulaa Abdallaa Indiris kanaan dura oomishni oomishan nyaataaf illee akka hin geenye dubbataniiru.

Amma garuu qonnaan bultoota waliin oyiruu walitti aanu oomishaa waan jiraniif oomishtummaan isaanii guddachuu himaniiru.

“Qamadiin dafee waan ga’uuf hanqinni roobaa naannawa keenyatti mudatu rakkoo akka hin taane nugargaareera” jedhan.

Qonnaan bulaan Usmaan gamasaaniitiin, sababa hanqina roobaa naannawasaaniitti mudatuun hanqinni oomishaa akka mudatuufi darbee darbee ammoo firii akka hin kennine dubbataniiru.

Sanyii filatamaa Qamadii oomishuu erga jalqabanii asitti nyaata irra darbee oomisha guddaa argachuu jalqabuusaanii ibsaniiru.

Oomishni qonnaan bultoota naannawaas dabalaa waan dhufeef nyaatarra darbee gabaaf dhiheessaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015