Atileet Komaander Daraartuu Tulluutiif sadarkaan komishinara gargaartuu kennameef

138

Fulbaana 23/2015(TOI) - Komishiniin Mana Amala Sirreessaa Federaalaa Atileet Komaander Daraartuu Tulluutiif sadarkaa komishinara gargaartuu kennameef

Komishiinichi hojjetootaafi Qondaaltoota hojii fooyyee qabu hojjetaniif beekamtii laateera.

Sirna beekamtii laachuu kana irratti qondaaltoonniifi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Atileet Komaander Daraartuu Tulluu gumaachaa biyyaaf gumaachiteen sadarkaan komishinara gargaartuu kennameefira.

Atileet Komaandar Daraartuu Tulluus sadarkaa kanas harka Ministira Haqaa doktar Geedi'oon Ximootiwoosii fudhateetti.

Akkasumas komishinichi leenjisaa hangafticha Komaandar Huseen Sebootiif sadarkaa komishinara gargaaraa kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015