Qormaata Kutaa 12 Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Keessatti Kennuuf Qophiin Taasifameera-Ministeera Barnootaa

327

Fulbaana 23/2015 (TOI)  Qormaata kutaa 12 kan bara 2014 dhaabbilee barnootaa mootummaa olaanoo keessatti kennuuf qophiin ga’aan taasifamuusaa ministeerri barnootaa beeksise.

Ministirri barnootaa Piroofeesar Birhaanii Naggaa ibsa har’a kennanbiin, dhaabbileen nageenyaa naannolee itti gaafatama fudhatanii barattoonni gara dhaabbilee qormaata itti fudhatanii geeffamaa akka jiran dubbataniiru.

Barattoonni gara dhaabbilee qormaata itti fudhatanii wayita ga’an poolisiin federaalaa nageenya eegsisuuf akka hojjetu dubbataniiru.

Barattoota kuma 900 ol marsaa lamaan geejjibsiisuudhaan qormaata akka fudhatan eeraniiru.

Qormaatichi teekinooloojii dijitaalaatiin deeggaramee sirna ammayyaa kan hordofe ta’uu eeranii, qormaaticha kan kennan barsiisota Yuunivarsiitii akka ta’an ibsaniiru.

Adeemsi kun barattoonni walirraa akka hinhojjenne taasisuudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Qormaanni kun nagaan akka xumuramu qaamoleen nageenyaa federaalaafi naannoo hordoffii, deeggarsaafi to’annaa akka taasisanis ibsaniiru.

Qoratamtoonni Saayinsii Hawaasaa Fulbaana 26-28 Yuunivarsiitii qormaata itti fudhatan kan ga’an yoo ta’u, Fulbaana 30-Onkolooleessa 2tti qormaata erga fudhatanii booda Onkolooleessa 3 irraa kaasee gara dhufanitti akka deebi’an beekameera.

Qoratamtoonni barnoota saayinsii uumamaa Onkolooleessaa 05 amma Onkolooleessa 13tti qormaata kan itti xumuran ta’uu sagantaan bahe nu mul’isa.

Qormaanni kun nagaan akka xumuramu maatiin barattootaa, qaamoleen nageenyaafi kutaaleen hawaasaa hundi ga’eesaanii akka ba’an waamichi taasifameera.

Barattoonni qormaata marsaa duraa kan bara 2014 fudhachuu hin dandeenye kuma 56 ol qormaanni marsaa tokkoffaa xumuramee baatii tokko keessatti kennuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015