Naannolee 7tti lafti heektaarri miliyoona 3 ol kilaasteraan misoomaa jira

72

Fulbaana 23/2015(TOI) - Naannolee 7tti lafti heektarri miliyoona 3 ol kilaasteraan misoomaa jiraachuu Instiitiyuutiin Tiraansifoormeeshinii Qonna Itoophiyaa beeksise.

Naannolee kanneenitti qonnaan bultoonni miliyoona 3.5 misooma oomishaalee midhaanii tarsimoorratti hundaa'e oomishaa jiru jedheera.

Daarektarri olaanaa Instiitiyuutichaa doktar Manadaafiroo Nugusee TOItti akka himanitti damee qonnaa Itoophiyaa ammayyeessuuf keessayyuu qonnaan bultoota ooyiruu qonnaa xiqqaa qaban qindeessuun malli qonnaa Kilaastaraa hojiirra oolfamaa jira.

Haala qonnaa qonnaan bultootaa foyyeesuufi oomishitummaa dabaluun oomishaalee gabaan barbaadu oomishuun gabaaf dhiheessuuf miidhaan gosti 10 filamuu himaniiru.

Miidhaan filatamanis Qamadii, Boqqoolloo, Xaafii, Garbuu Biiraa, Saliixa, akkasuma Fuduraafi muduraa keessaa immoo Timaatimii,Qullubbii, Avookaadoo, Maangoofi Burtukaana yoo ta'an hojiin kun naannilee torbatti hojiirra oolaa jira jedhaniiru.

Kanaanis qonnaan bultoonni oomishaalee kanneen oomishaan midhaan nyaataan of danda'uu bira darbanii oomishaalee isaan gabaaf dhiheessuun caalaatti fayyadamoo ta'aniiru jedhaniiru.

Waggoota hedduuf itti fayyadamaa kan tura qonnaan qofaa qofaan hojjetamu gara mala qonnaa Kilaasteraatti jijjiruun kanneen oomishaan keessaa harka 75 gabaaf akka dhihaatu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni kilaasteraan qindaa'anii oomishaan galteewwan qonnaaf isaan barbaachisu jiddugala tokko akka argatan taasifamuu himanii, kanaanis oomisha qonnaan bultoonni kilaasteran hinqindoofne argatan harkaa 40 caalaa argachaa jiraachuu himaniiru.

Qonnaan bultoonni mala qonnaa ammayyaa kanaan fayyadaman oomisha isaanii indaastiriwwan biyya keessaafi gabaa Awurooppaaf dhiheessuu jalqabuu himaniiru.

Qonnaan bultoonni mala qonnaa Kilaasteraa fayyadama yeroo gannaa qofa osoo hin taane waqtii Bonaas jallisiin akka fayyadaman hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015