Kabajni Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee Xumuramuu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiidaa Ibsan

134

Fulbaana 22/2015 (TOI) Kabajni ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee aadaafi duudhaasaa eegee nagaan xumuramuu Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa ob. Shimallis Abdiisaa ibsan.\

Ayyaanni Irreechaa baranaa nagaan kabajamee xumuramuusaa ilaalchisuun Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa ibsa galateeffannaa kennaniiru.

Pirezidaant Shimallis ergaa dabarsaniin Irreechi aadaafi duudhaasaa eegee dammaqinaan akka kabajamu kan nutaasise uumaa keenya nigalateeffanna jedhanii, qaamolee ayyaanni kun nagaan akka xumuramu taasisan kabaja qaban ibsaniiru.

Ummanni Oromoofi sabaafi sab lammoonni biyyattii ayyaana kanarratti bareeddanii nu bareechitaniittu, kanaafis maqaa mootummaa naannoo Oromiyaafi maqaa kootiin galata guddaan isiniif galcha jedhaniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee waan qabdaniin keessummooya obboloota keessan kabajaan simachuun jaalala agarsiiftaniif galatan isiniif dhiheessa jedhaniiru.

Jiraattonni magaalaa Bishooftuufi naannawashee hirmaattota ayyanichaa jaalalaan simattanii waan keessumeessitaniif isinin galateeffadha jedhan pirezidaanti Shimallis.

Irreechi magaalaa lamaaniif gama dinagseefi aadaatiin gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.

Ayyaanichi nagaan akka xumuranu halkanii guyyaa hojjetee yaada diinaa waan fashaleesseef bu’aa galmeessitaniif galata qabdu jedhaniiru.

Abbooyii Gadaa, Haadholii Siinqee, Irreechi duudhaasaa eegee dhalootarraa dhalootatti akka darbu kan taasiftan, har’as  karaa dheeraa deemtanii asitti argamtan galatoomaa isiniin jechuun barbaada jedhaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa biyya keessaafi biyya alaa kabajni ayyaana Irreechaa addunyaatti akka beekamu taasiftan galanni koo isin haaga’u jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015