Ministeerri Bishaaniifi Albuudaa Lammiilee Godina Booranaa Caamsaan Miidhamaniif Deeggarsa Nyaataa Birrii Miiliyoona 2 Olitti Tilmaamamu Taasise

106

Fulbaana 22/2015 (TOI) Ministeerri Bishaaniifi albuudaa lammiilee godina Booranaa Caamsaan Miidhamaniif Deeggarsa Nyaataa Birrii Miiliyoona 2 olitti tilmaamamu taasisuu beeksise.

Ministirri Bishaaniifi Inarjii doktor Habtaamuu Ittafaa deeggarsa kana abbootii Gadaafi hoggantoota mootummaa godnichaaf wayita kennan akka jedhanitti, rakkoon bishaanii godinichaa akka furamu qaamolee dhimmi ilaalu waliin hojjetamaa jira.

Pirojektiin bishaanii Booranaa ijaarsarra jiru yeroo dhihootti xumuruuf ni hojjetama jechuun dubbataniiru.

Pirojektiin kun xumuramee gaaffiin ummataa bu’urarraa deebii amma argatutti lammiilee caamsaan miidhamaniif nyaataan deeggaruun akka barbaachisu himaniiru.

Bulchaan godina Booranaa Jaarsoo Boruu deeggarsa kana yemmuu fudhatan, godinichatti sababa caamsaatiin kutaaleen hawaasaa kuma 600 ol ta’an deeggarsa akka barbaadan eeranii, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Deeggarsi nyaataa gama mootummaatiin amma danda’ametti kennamaa akka jiru ibsanii, deeggarsi ga’aan akka qaqqabu qaamoleen biroon deeggarsasaanii cimsuu akka qaban gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015