Keessummoonni ayyaana Irreechaa Hora Harsadeetti kabajamurratti Hirmaatan Magaalaa Bishooftuu Galaa Jiru

142

Fulbaana 21/ 2015 (TOI)  Ayyaana Irreechaa boru kabajamurratti hirmaachuuf  keessummoonni bakka addaddaarraa magaalaa Bishooftuu galaa jiru.

Keessummoonni Itiyoophiyaa kutaa addaddaarraa dhufan kabaja Irreechaa kanarratti akka hirmaatan eegama.

Abbootiin Gadaa Oromoo, Haadholiin Siinqee, dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa addaddaa uffannaa irreecha calaqqisiisu uffatanii gara magaalaa Bishooftuu gala jiru.

Dhaabbilee tajaajila hawaasaa kennan kanneen akka Hoteelaa, Giroosarii, manneen keessummoonni itti boqotan, manneen nyaataa keessummoota simachaa jiru.

Sagantaa boru Hora Harsadeetti taasifamuun  dukkanni gannaa darbee booqaa birraatiin bakka bu’uusaatiif uumaadhaaf galanni ni gala.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galataa, jaalalaa, araarriifi dhiifamni itti lallabamu, mallattoo nageenyaa oromoo dhalootarraa dhalootatti daraa har’a ga’eera.

Ayaanni Irreechaa guyyaa har’aa Hora Finfinneetti dammaqinaan kabajamuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015