Ministeerichi kubbaaniyoonni 3 Albuuda akka barbaadaniif eeyyama kenne

157

Ebla 17/2011 Ministeerri Albuudaa fi Boba'aa kubbaniyoonni 3 ulaagaa guutanii waan argamaniif Albuuda barbaaduu irratti akka bobba’an eeyyama kenne.

Kubbaaniyoonni hojii kana irratti hirmaatan Tireediingii Industirii Ayigaa, Himraa Maayniing fi kubbaaniyaa Chaayinaa Doongiifi dha.

Walii galtee kanaanis kubbaaniyoonni kunneen naannoo Tigraayi, Amaaraa fi naannoo Beenishaanguul Gumuzitti yoo ta'u Albuuda kan akka Warqee, Sibiila akkasumas cilee dhagaa barbaaduu irratti ni hirmaatu jedhameera.

Kubbaaniyoonni kunneen barbaacha kanaaf  birrii miiliyoona 31 kan ramadan yoo ta'u, namoota 46 ta'aniifis carraa hojii ni uuma jedhameetu eegama.

Ministeerichi doktar Saamu'eel Urqaatoo yeroo kana akka jedhanitti, barbaacha Albuudaa kana irratti hirmaachuuf Kubbaaniyoonni 56 kan gaafatan yoo ta'u, kubbaaniyoota ulaagaa guutaniif eyyamni kun kennamaa jira jedhaniiru.

Torbee tokko duras kubbaaniyoota 8 ta'aniif eeyyamni kun kennamuu isaa ministeerichi himanii Ijiru.

Kubbaaniyoonni kunneen hojiif gara naannolee yeroo adeemanitii haalli mijataan akka isaan quunnamu hojjatamuu isaas dhaamanii jiru.

" Guyyaa kanatti kubbaaniyoota hojiitti galaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa hunda ni taasisa " jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015