Itiyoophiyaafi Somaaliyaan Hariiroo Biyyoota Lamaanii Cimsuuf Walii Galan

68

Fulbaana 20 / 2015 (TOI) Itiyoophiyaafi Somaaliyaan Hariiroofi Walitti hidhiinsa biyyoota lamaanii cimsuuf walii galuunsaanii himame.

Xumura daawwannaa Pirezindaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeh Mahaammad guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti taasisan ilaalchisuun waajjirri muummee ministiraa walii galtee biyyoota lamaanii ifa taasiseera.

Muummeen ministiraa Abiyyi Ahmad Fulbaana 28-29/2015tti Itiyoophiyaati daawwannaa jalqabaa kan taasisan pirezidaantii riippabiliika federaalawaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad simatanii haasofsiisaniiru.

Qabxiiwwan ijoo hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti xiyyeeffachuun kanneen dursi kennamaniif irratti waliin hojjechuuf walii galuunsaanii ibsameera.

Hoggantoota biyyoota lamanii dhimmoota 10 irratti walii galaniiru. Isaanis,

  1. Hariiroo egeree biyyootaafi ummattootaa cimsuufi dhimmoota tokkummaafi birmadummaa biyyaa irratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.
  2. Aarsaa olaanaa gootichi raayyaa ittisa biyyaa Itiyoophiyaa nageenya, tasgabbiifi ijaarsa biyyaaf kafaleef hooggantoonni lamaan dinqisiifataniiru.
  3. Shororkeessaafi finxaalessummaan diina biyyoota lamaanii waan ta’eef dhaabbileen nageenyaa biyyoota lamaanii qindoomanii akka hojjetanniifi odeeffannoo waljijjiiruuf walii galaniiru.
  4. Waraanni Somaaliyaa naannawoota Hiraaniifi Gaalmuduugitti injifannoo hidhattoota shoroorkeessaa Al shabaabirratti galmeessise noggantoonni lachuu dinqisiifataniiru.
  5. Qoqqobbii bittaa meeshaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii waggoota 30f Somaaliyaarratti kaa’e akka ka’u hoggantoonni lamaan waamicha dhiheessaniiru. Qoqqobbiin kun yoo ka’e Somaaliyaan human raayyaashee akka gurmeessituufi yaaddoo Al shabaabirraa ba’uuf ishee gargaara.
  6.  Yaaliin riijinicha tasgabbeessuuf taasisaa jiran kan miidhan Jiddu galummaa biyyooota alaa hir’isuufi shororkeessummaa waraanuuf cimsanii haasawaniiru. Kanaafis marii idilee gam lachuu adeemsisuufi foramiiwwan naannolee witti fufsiisuuf  walii galaniiru.
  7. Balaawwan sababa jijjiirama qilleensaatiin uumaman qaala’iinsi jireenyaa yaaddoo ta’aa jiru kana mo’achuuf yaalii itti fufsiisuun waan barbaachisuufi deeggarsi deeggartoonni idiladdunyaa kanneen miidhamaniif taasifamu cimee akka itti fufu waamicha taasisaniiru.
  8. Dandeettii hojjettoota dhaabbileen mootummaan Somaaliyaa keessa hojjetanii guddisuuf carraalee barumsaa Itiyoophiyaa keessatti argamanii cimsanii itti fufuuf walii galaniiru.
  9. Walta’insa siyaasaafi nageenyaatiin alas gama daldalaa, dinagdeefi bu’ura misoomaa akkasumas gama sab quunnamtiitiin waliin hhjjechuun murteessaa ta’uu mari’ataniiru.
  10. Waajjiraaleen mootummaa biyyoota lamaanii ministiroota waliinii sadarkaa komishiniitti akka hundeessan qajeelfama kan baasan yoo ta’u, faayidaalee waliiniirratti mari’achuufi kallattii baasuuf walii galaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015