Ministeeronni Lamaan Manneen Barmootaatti Nageenya Waaraa Fiduuf Waliin Hojjenna Jedhan

62

Fulbaana 20 /2015 (TOI) Ministeerri barmootaafi ministeerri Nageenyaa dhaabbilee barmootaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf waliin kojjechuuf walii galan.

Walii galtee kana ministirri nageenyaa Binnalfi Andu’alemiifi ministirri Barmootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa mallatteessaniiru.

Kaayyoon waliigaltee kanaa hojiiwwan dhaabbilee barmootaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuu danda’an waliin hojjechuuf akka ta’e ibsameera.

Barattoonni naamusa horatanii nageenyaafi ijaarsa biyyaa keessatti ga’eesaanii akka ba’an gochuuf akka ta’es beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015