Meeshaaleen Waraanaa Addaddaafi Ergamtoonni Shororkeessitoota Shaneefi ABUT 82 To’annaa Jala Oolan

95

Fulbaana 19/2015 (TOI) Meeshaalee waraanaa addaddaa dabalatee ergamtoota shororkeessitoota Shaneefi ABUT 82 magaalaa Adaamaatti to’annaa jala oolchuusaa waajjirri nageenyaafi tasgabbii magaalattii ibseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa ob. Makuraa Dinquu TOItti akka himanitti, magaalichatti ayyaana Masqalaafi Irreechaa akkasumas ayyaanota ummataa biroo jeequuf socho’aa kan turan miseensonni shororkeessaa Shaneefi abbaa torbee 33, akkasumas shororkeessaa ABUT 49 fi kanneen biroo to’atamaniiru.

Ayyaanni Irreechaa sanbataafi Dilbata dhufu Finfinneefi Bishooftuutti kabajamu rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamu bulchiinsi magaalaa Adaamaa godina Shawaa bahaafi magaalaalee olla waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Ayyaanni Irreechaa nagaan akka kabajamu poolisoonni idilee hojii sakatta’iinsaa cimaa taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Haala kanaan shugguxiiwwan 19 , Kilaashiin 6 rasaasa kuma 3 ol qabamuusaanii eeraniiru.Keessummoonni magaalaa Adaamaatti boqotanii gara Finfinneefi Bishooftuu wqaan dhaqaniif lootee galtoota hordofuufi hojiin sakatta’iinsaa waliin hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015