Itiyoophiyaa Bahaatti Qaqqabiinsaafi Qulqullina Interneetii Babal’isuuf Hojjetamaa Jira

78

Fulbaana 19/2015 /TOI/ Itiyoophiyaa bahaatti qulqullinaafi qaqqabiinsa Interneettii babal’isuuf hojjetamaa akka jiru Itiyoo Telekoom ibse.

Daarektarri Itiyoo Telekoomii riijinii bahaa  Xaasoo Shimallis TOIf akka ibsanitti, naannawa kanatti tajaajila fooyyee kennuun akka danda’amu qophiin taasifameera.

Riijiniin bahaa bulchiinsa Dirreedawaa, naannolee Harariifi Somaalee kan ofkeessatti qabatu ta’uun beekameera.

Itiyoo Teleekoom naannolee kanneenitti Intarneetii qulqullina qabu diriirsuuf galteewwan addaddaafi ogeessota ga’umsa qaban guuttachaa akka jiru dubbataniiru.

Haala kanaan Fulbaana 16/2015 irraa kaasee naannolee kanneen keessaa magaalaaleen godina Harargee lixaatti argaman tajaajila Intarneetii 4G taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Amajjii dhufurraa kaasee ammoo Interneetii 5G diriirsuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Itiyoo Telekoom hojii kana hojjechaa haa jiraatu malee rakkoon daandii naannawa kanaa hojii kana hojjechuuf qormaata guddaa akka ta’e eereera.

Baankiiwwan naannawa kanatti argaman Itiyoo Telekoom tajaajilasaa fooyyessuu akka qabu eeraniiru.

Hojii gaggeessaan baankii daldalaa Itiyoophiyaa damee Odaa Bultum ob. Desaa Namoomsaa tajaajilli kun tajaajila si’ataa kennuuf gara 5Gtti osoo guddate gaarii akka ta’e ibsaniiru.

Humni Interneetii 4G xiqqaa waan ta’eef rakkachaa akka jiran himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015