Yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaan Kan Itti Milkooftedha- Ministeera Dhimma Alaa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaan Kan Itti Milkooftedha- Ministeera Dhimma Alaa
Fulbaana 19/2015(TOI) Yaa’iin waliigalaa 77ffaa mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaan hojiilee milkaa’aa kan itti raawwatte ta’uu ministeerri dhimma alaa beeksise.
Dubbi himaan ministeerichaa ambaasaaddar Malas Alam ibsa kennaniin, gareen itti aanaa muummicha ministiraafi ministeera dhimma alaa Dammaqaa Mokonniniin durfame yaa’ii kanarratti dammaqinaan hirmaateera.
Gareen kun ergamasaa sirriitti ba’ee deebi’uusaa ambaasaaddar Mallas dubbataniiru.
Pirezidaant Saahilawarq Zawudeefi itti aanaa muummicha ministiraafi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ii kanarratti haasawa taasisuusaanii himaniiru.
Barumsa ilaalchisuudhaan Pirezidaant Saahilawarq haasaa bu’a qabeessa taasisuusaanii ibsaniiru.
Ob. Dammaqaan gamasaaniitiin kallattii imaammata Itiyoophiyaa bal’inaan kan dhiheessan yoo ta’u, Itiyoophiyaa kaabaa, Hidha haaromsaa guddichaafi furmaata waliinii dhimmoota idil addunyaarratti haasawa taasisaniiru.
Yaa’ii kana cinaatti dhimmoota dippilomaasii gam lameerratti biyyootaafi itti gaafatamtoota dhaabbilee idil addunyaa waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii dubbataniiru.
Dhimma Itiyoophiyaa ibsuuf carraan gaarii uumamuusaafi mari’attoonnis Itiyoophiyaa cinaa dhaabatanii akka deeggaran kan itti mirkaneessan ta’uu ibsaniiru.
Raawwii ashaaraa magariisaafi Waadaa Saqoxaarratti waltajjiileen lama gama Itiyoophiyaatiin dhihaachuusaaniifi mariin gaariin taasifamuusaa dubbataniiru.
Daawwannaan Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad walitti dhufeenya ummataa biyyoota lamaanii gama cimsuun kan kan taasifame ta’uusaafi hoggantoonni biyyoota lamaanii gama nageenyaafi misoomaatiin waliin hojjechuuf waliigaluusaanii ibsaniiru.
Hoggantoonni lamaan hariiroo ummata giddugaleessa godhate cimsuuf akka hojjetaniifi shororkeessummaa waliin ittisuuf akka hojjetan waliigaluusaanii dubbataniiru.