Sagantaan Hundeeffama Waldasan Qu’annoo Oromoo Adeemsifamaa Jira

81

Fulbaana 19/2015/TOI/ Sagantaan hundeeffama waldaa qu’annoo Oromoo Magaalaa Finfinneetti Adeemsifamaa jira.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa ob. Shimallis Abdiisaa, abbootiin Gadaa, qu’attoonni,hayyoonni Yuunivarsiitiifi qaamoleen addaddaa argamaniiru.

Kaayoon waldichaa dhimmoota aadaafi hawaasummaa Oromoorratti qorannaa taasisuu akkasumas adeemsa seenaa ummanni Oromoo keessa darbeefi amma keessa jiru qoratee tursuu akka ta’e beekameera.

Walumaa gala waldaan kun aadaa Ummata Oromoo, taateewwan seenaafi walitti hidhiinsa hawaasummaa dhalootaaf tursuurratti nihojjeta jedhameera.

Waldaan kun fuulduraaf dhaabbilee qu’annoofi yuunivarsiitiiwwan  waliin qindoomee akka hojjetu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015