Iddoowwan Arfaasaa Biqilchan Baay’eesaaniitti Roobni Arfaasaa Itti Fufa

78

Finfinnee Ebla  16/2011 Iddoowwan Arfaasaan biqilchan baay’eesaaniitti roobni Arfaasaa guyyoota dhuma baatii Eblaatti itti fufa jechuudhaan ejensiin meetirooloojii Itiyoophiyaa ibse.

Mijaa’uun haala meetirooloojii cimuu isaarraatiin wal qabatee roobni yeroo suuta suutaa kutaalee biyyattii Bahaa fi Lixaatti babal’achaa deema jedheera.

Haalli meetirooloojii bokkaa uumu amma tokko cimee akka itti fufuu fi keessumaa mudhii lafaa qaxxaamuree gara biyyaatti akka galu qilleensa ciidhaa eegamu waliin wal qabatee hurrii fi tamsa’inni bokkaa kutaalee biyyattii walakkeessa kibbaa fi lixaa irratti akka itti fufu odeeffannoowwan raga qilleensaa ni eeru.

Guyyoota 10 dhufanitti Naannoo Oromiyaa Wallaggaa bahaa fi lixaa, Jimma, Iluuabbaaboor, godinaalee Shawaa, Harargee bahaa fi lixaa,  Arsii fi Baalee naannoon Somaalee rooba idilee fi idileedhaa ol ni argatu.

Akkasumas kutaan kaaba Faafenii fi siitii, Finfinnee, Dirreedawaa fi Hararii, Gaambeellaa, godinaalee saboota sablammootaa fi ummattoota kibbaa,  Naannoo Amaaraarraa Waaghimiraa fi godinoota Walloo kaabaa fi kibbaa, naannoo Tigraayirraa godinoota jiddu galeessa, bahaa fi kibbaa, godina Affaar 1,3 fi 5nitti dabalamaniiru.

Godinaaleen kunneen darbee darbee hurrii cimaa irraa kan ka’e iddoowwan tokko tokkotti bokkaa cimaa ni argatu jdheera ejensichi.

Dabalataanis Goojjaam bahaa,naannawa Bahaardaar, godinoonni Gondar kibbaa, Gaambeellaa, naannoo Beeniishaangulitti godinoonni Asoosaa fi Kamaashii godinoonni Somaalee kibbaa muraasnii fi Booranaa fi Gujiin iddoo tokko tokkotti irra caalaa roobni idileedhaan walitti dhihaatu akka qabaatan ni eegama.

Naannoleen biyyattii hafan irra caalaa gogaa ta’anii ni turu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015