Baatii Sadii Keessatti Godinichatti Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 27 Olitti Tilmaamaman Qabaman

57

Fulbaana 19/2015 /TOI / Godina Gujiitti baatiiwwan sadan darbanitti meeshaaleen kontirobaandii birrii miiliyoona 27 olitti tilmaamaman qabuusaa qajeelchi poolisii godinichaa beeksise.

Qajeelchi poolisii godinichaa kontirobaandiirratti hordoffiifi to’annoo taasisaa akka jiru ibsameera.

Itti gaafatamaan divijinii komunikeeshinii qajeelchichaa itti aanaa komaandaraa Baqaaluu Ballaxaa godinichatti aanaalee 5 fi magaaloota 2 keessatti eeruu ummataafi sakatta’iinsa taasifameen meeshaaleen kunneen qabamaniiru.

Meeshaaleen kontirobaandii kunneen kan qabaman biyyaa yemmuu baafamaniifi gara biyyaa wayita galan ta’uunis beekameera.

Guyyoota shaman darban magaalaa Shaakkisoofi Adoolaatti meeshaaleen kontirobaandii birrii miiliyoona 6tti shalagaman qabamuusaanii akka fakkeenyaatti dhiheessaniiru.

Meeshaaleen kontirobaandii kunneen konkolaataa geejjiba ummataa, konkolaataa fe’isaa, konkolaataa miila sadiifi motorsaaikilii taargaa hin qabneen akka ta’es ibsaniiru.

Kanneen keessaa Sukkaarri kuntaala 50, Simintoo kuntaala 40, boba’aa liitiroo kuma 4 fi 685 fi bunni kuntaalli 4 akka keessatti argaman himaniiru.

Uffannaan boondaa kuma 2, moobaayilii kuma 5 fi 900, kophee kuma 6 fi 933, qorqoorroo 230 fi mismaarri baakkoo 74 alaa osoo galfamanii kan qabamanidha.

Kana malees meeshaaleen jijjiirraa konkolaataafi qoodduun ibsaa akkasumas filaashiin kana keessatti argamu.

Qorichi fayyaarratti miidhaa geessisan addaddaa kaartoonii 2 qabamuusaaniis ibsaniiru.

Walumaa gala meeshaaleen kontirobaandii nirrii miiliyoona 27tti tilmaamaman eeruu ummataafi hordoffii poolisiitiin qabamuusaanii ibsaniiru.

Konkolaattonni meeshaalee kontirobaandii deddeebisaa turan to’annaa jala kan oolan kan jiran yoo ta’u, kanneen yeroof miliqan hordofamaa akka jiran beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015