Sirni Awwaalchaa Artiist Maadiingoo Afawarq Har’a ni raawwatama

75

Fulbaana 19/2015 (TOI) Sirni Awwaalchaa Artiist Maadiingoo Afawarq Kamisa har’aa bataskaana kaateediraalaa Sillaaseetti ni raawwatama.

Reeffi Artiistii kanaa mana jireenyaa isaatti erga sirni gaggeessaa raawwatamee booda guyyaa keessaa saa’a 6 irraa eegalee itti gaafatamtoonni mootummaa, artiistootaan, dinqisiifamtootasaafi firoota isaatiin paarkii michoomaatti sirni gaggeessaa ni taasifama.

Sa’aatii 10 irraa eegalee bataskaana Sillaaseeetti sirni awwaalchaa akka raawwatu himameera.

Artiisti Maadiingoo Afawarqi sirba isaatiin ergaalee jaalalaa, yaadannoo, aadaa, biyyaa,seenaafi dhimmoota biroorratti weellisuudhaan beekama.

Weellisaan kun dhukkubsachuun osoo isa hin daangessiin wayita biyyi rakkoo keessa turtetti dirree waraanaa deemuudhaan, mana leenjii loltootaas dhaquudhaan nama seenaa hojjetedha.

Gondar duraanii Azazootti dhalatee Dabrataaboritti kan guddate Artiisti Maadiingoon, Fulbaana 17/2015 lubbuunsaa darbeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015