Balaa konkolaataa Ada'aa Bargaatti mudateen lubbuun namoota 15 darbe

190

Fulbaana 19/2015(TOI) - Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ada'aa Bargaatti balaa konkolaataa kaleessa sa'aatii 6:30tti mudateen lubbuun namoota 15 darbuu Waajjira Poolisii Aanaa Ada'aa Bargaatti Qindeessaan Nageenya Tiraafikii Saajinii ittaanaa Adaanaa Disaasaa ibsan.

Saajinii itti aanaa Adaanaa Disaasaa akka ibsanitti, konkolaataa deddeebisa uummataa lakkoofsi gabatee isaa 52998 OR ta'ee buufata konkolaataa Magaalaa Incinnii irraa uummata fe'ee osoo gara Aanaa Meettaa Roobii magaalaa Shinootti imaalaa jiru Aanaa Ada'aa Bargaa ganda Bishaan Diimootti konkolaataa fe'isaa walharkisu waliin walitti bu'uun lubbuun namoota 15 kan darbee yoo ta'uu namoota 32 irra miidhaa cimaanfi salphaan gaheera.

Sababaan balaa kanaas qoratamaa jiraachuu himaniiru.

Konkolaachiftoota dabalatee namoonni miidhaan irra gahe Hospitaala Incinniitti waldhaansii taasifamaafii jira jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015