"Bu'uurri Ayyaana Irreechaa Nagaa, sirna galataafi Obbolummaadha'' - Aadde Adaanech Abeebee

70

Fulbaana 18/2015(TOI) - "Bu'uurri Ayyaana Irreechaa Nagaa, sirna galataafi Obbolummaadha'' jedhan Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun guyyoota afuriif kan turu egizibiishinii aadaa jalqabsiisaniiru.

Aadde Adaanech banissa egizibishicharratti haasaa taasisaniin torbanoota darban jijjirrama bara haaraafi ayyaana daamaraa masqalaa karaa naga qabeessa bifa ho'aa ta'eefi tokkummaa sabdaneessummaa calaqisiisuun kabajinneera jedhaniiru. Kanaaf immoo gahee olaanaa kan bahe uummata magaalaa Finfinneeti jedhaniiru.

Magaalaan Finfinnee agarsiistuu waliin jireenyaafi sabdaneessuummaa ta'uu himanii, nu qofa osoo hin taane Afrikaannoonni biroon aadaa isaanii bifa barbaadaniin kan keessatti muli'ifatanidha jedhaniiru.

Haguma ayyaanonni magaalichatti kabajamaniin galiin magaalichaa ni si'aa, hawwanni turizimii ni dabala, oomishaaleen hedduun gara magaalaa keenyaa akka galan carraa uuma jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa kan Uummanni Oromoo ganna gurraa darbuun booqaa birraa arguu isaaf waaqaf galata itti galchuudha jedhaniiru.

Nurra darbee hambaa aadunyaa kan ta'ee sirna Gadaa keessaa tokko kan ta'e ayyaanni irreechaa Itoophiyaa addunyaatti beeksisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf nun Itoophiyaanonni wal taanee beeksisuun gaheen keenya guddaa ta'uu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015