Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Hasan Sheek Mahaammad Waliin Mari’atan

83

Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Hasan Sheek Mahaammad Waliin Mari’atan

Fulbaana 18/2015 (TOI) Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadiifi Gareensaanii pirezidaantii Hasan Sheek Mahaammadiin kan durfamu garee Rippaabiliika federaalaa Somaaliyaa waliin maree gam lame taasisaniiru.

Hoggantoonni biyyoota lamaanii hariiroo Itiyoophiyaafi Somaaliyaa jidduu jiru caalaatti cimsuuf fedhiifi kutannoo qaban ibsaniiru.

Gaanfi Afriikaa akka tasgabbaayu waliin hojjechuun barbaachisaa akka ta’e xiyyeeffannoo kennanii mari’ataniiru.

Pirezidaant Hasan Sheek Mahaammad Somaaliyaa cimtuu akka taatu aarsaa Itiyoophiyaan kafalteef dinqisiifatanii, biyyoonni lamaan rakkoolee waliin isaan quunnamu hiikuuf waliin dhaabachuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.

Ministirri muummee Abiyyi Ahmad gamasaaniitiin Itiyoophiyaan bulchiinsa Somaaliyaa haaraa waliin keessumaa gama dinagdeetiin hojjechuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.

Somaaliyaan Yoocimteefi yoo tasgabboofte cimina Itiyoophiyaaf kan fayyadu ta’uu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Hasan Sheek Mahaammad Waliin Mari’atan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015