Addaan Ciccituu Anniisaa Sirreessuudhaan Tajaajila Sa'aatii 24ii Qophiin Taasifameera --- Tajaajila Elektiriikii Itiyoophiyaa

66

Ebla15/2011 Ayyaana du'aa ka'uu ilaalchisee addaan ciccituu ibsaa mudachuu danda'u hir'isuu fi yoo mudates deebii hatattamaa kennuuf jiddu galeessonni tajaajila kennan sa'aatii 24 akka hojjetan qophii taasisuusaa tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa ibse.

Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa ayyaana du'aa kauu ilaalchisee ergaa dabarseen ayyaanicha ilaalchisee tajaajila fooyya'aa kennuuf qophaa'eera jedheera.

Wayita ayyaanaa fedhiin humna ibsaa olaanaan waan jiruuf maamiltoonni dhiibbaan humna ibsaa wayita hin baay'anne keessumaa galgala keessaa sa'aatii 3 amma barii sa'aatii 12tti yoo fayyadaman humna ibsaa fooyya'aa argachuu ni danda'u.

Kunis maallaqa qusachuu bira darbee addaan ciccituu ibsaa hir'isuuf gumaacha ni taasisa jedheera.

Addaan ciccituu humna ibsaa wayita ayyaana du'aa ka'uu mudachuu danda'u hir'isuuf yoo mudates deebii hatattamaa kennuuf jiddu galeessonni tajaajila kennan sa'aatii 24 akka hojjetan qophiin taasifameera jedhaniiru.

Haa ta'u malee ayyaanicha waliin wal qabatee toora ibsaa irratti humni dhiphachuu waan danda'uuf , humna guddaa kuusaa olaanaarraa kan argatan baaburri dhagaa, warshaaleen pilaastikaa, huccuu, sibiilaa, gogaa fi leezarii, keemikaalaa, simintoo akkasumas industiriiwwan humna olaanaa fi jiddu galeessa fayyadaman Ebla 19/2011 amma Ebla 20/2011tti barii sa'aatii 11tti humna ibsaa hir'isanii yookaan guutummaatti akka itti hin fayyadamne deeggarsa gaafateera.

Maamiltoonni elektiriikii waliin karaa wal qabateen odeeffannoo yoo barbaadan jiddu galeessa tajaajilaa naannawa isaanii jiru qaamaan deemuun, akkasumas akka filmaataatti maamiltoonni Finfinneetti argaman jiddu galeessa waamicha bilisaa 905 bilbiluudhaan akka beeksisan gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015