Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

121

Fulbaana 18/2015(TOI) - Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

Pireezidaantichi yeroo buufata xiyyaara idil addunyaa Boolee gahan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad simmataniiru.

Pireezidaanit Hasan Shek Mohaammad filannoo Somaaliyaatti Caamsaa 2014 geggeeffameen injifachuun pireezidaantii Somaaliyaa ta'uun isaanii ni yaadatama.

Ji'a Waxabajji keessa immoo sirna kakuu yeroo raawwatan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad sirnicharratti argamuun haasaa taasisuun isaaniis kan yaadatamudha.

Itoophiyaafi Somaaliyaan biyyoota walitti dhufeenya gaariifi michummaa cimaa qaban ta'uun ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015