Akkuma Daamaraa ifuun waan nutti dukkanaa’ee ibsaa injifattummaan itti haa fufnu

75

Fulbaana 16/2015 (TOI) – Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee baga ayyaana Daamaraa Masqalaa geessaan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaanni Masqalaa ayyaana Jaalalaa, Nageenyaafi waliin ta'uuti kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee Daamaraan Masqalaa dukkanni ifaan injifatamuu kan muli'isudha jedhaniiru.

Hordoftoota amantaa kiriirstaanaan baga ayyaana daamaraa masqalaa geessan jedhaniiru ergaa isaaniin.

Ayyaanicha yeroo kabajinnu tokkummaa keenya cimsuun akkum Daamaraa ifuun waan nutti dukkanaa’e hundaa ibsaa injifattummaan itti haa fufnu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015