Humni waloo sirni Damaraa nagaan akka gaggeeffamuuf qophii xumurera

61

Fulbaana 15/2015(TOI) - Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa Sirni Damaraa nagaan akka gaggeeffamuuf qophii xumuruu beeksise.

Humnich akka beeksisetti, sirnicha ilaalchisee bataskaana Ortodoksii Ioophiyaa waliin mari’atameera.

Gaggeessaan hojii Mana Lubummaa Waliigalaa bataskaanittiifi Phaaphaasiin Kutaa Lallabaa Baahirdaar Abuna Abrahaam maricharratti akka ibsanitti, bataskaanittiin sirna Damaraa bara 2015 haala yeroo biyyattii wajjin walqabtee ofeeggannoo cimaan akka gaggeeffamuufi ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf qophiin duraa raawwatameera.

Humnichi waloi sirna bataskaanittiin ala namoota dhuunfaafi gareewwan sirna kabaja ayyaanichaa booressuuf socho’anirratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf abbootiin amantii naamusa akka qabsiisan gaafatameera.

Humnichi waloo sirnichi nagaan akka xumuramuuf abbootii amantaafi ummata waliin qindoominaan hojjechuuf kutannoo qabuufi qophii jiru abbootii amantiif ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015