Ayyaaneffanaawwan Ummataa Nagaan Akka Kabajaman Qophiin Taasifameera-Poolisii

50

Fulbaana 13/2015 (TOI)-  Naannoo Kibbaatti Ayyaaneffannaawwan ummataa nagaan akka kabajaman qophiin barbaachisu taasifamuusaa  koomishiniin poolisii naannichaa beeksise.

Komishinariin komishinii poolisii naannoo Kibbaa Alamaayyoo Maammoo ayyaaneffannaawwan ummataa naannicha keessatti nagaan akka kabajaman caasaan nageenyaa karoora qindaa’e baasuusaa beeksisaniiru.

Barri haaraa saba Hadiyyaa Yaahodee, kan Walaayittaa Gifaataa, kan Gaamoo Yoo Masqalaafi kanneen addababayiitti kabajaman ayyaaneffannaawwan sabootaafi damaraan masqalaa nagaan akka kabajaman qophiin taasifameera.

Poolisiin naannichaa caasaalee nageenyaafi jaarmiyaalee hawaasaa hojii nageenyaa deeggaran waliin qindaa’uun hojii nageenya eegsisuu hojjechaa akka jiru himaniiru.

Ummanni ayyaaneffannaarratti haalli shakkisiisaan yoo mul’atu akkuma barame qaama nageenyaaf beeksisuu akka qabu hubachiisaniiru .

Raayyaa ittisa biyyaa adda waraan addaddaa irratti argamuun baga geessan jedhaniiru komishinar Alamaayyoon.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015