Dameen Tuuriizimii Itiyoophiyaa Qormaata Keessa Jiraatus Bu’aa Galmeessisaa Jira Abmaasaaddar Naasisee Caalii

64

Flbaana 13/2014(TOI) – Dameen Tuuriizimii Itiyoophiyaa qormaata keessa jiraatus bu’aa galmeessisaa akka jiru ministirri Tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii beeksisan.

Guyyaa Tuuriizimii biyyaalessaa 35ffaa naannoo Beeniishaangul Gumuz  magaalaa Asoosaatti kabajamaa jiru irratti Ambaasaaddar Naasiseen akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaa, seena qabeessaaafi aadaa hedduu kan qabdudhha jedhaniiru.

Tuurizimiin carraa hojii uumuun cinaatti Itiyoophiyaa biyyoota biroo wajjin walitti fiduudhaan faayidaa guddaa qaba.

Mootummaa damee tuurizimii misoomsuuf xiyyeeffannoo kenneen bu’uraaleen misoomaa hedduun ijaaramanii tajaajilaaf oolaa jiru.

Kunis daawwattoonni biyya keessaafi alaa akka dabalu taasisuusaa eeranii, dameen kun koronaa dabalatee qorumsa keessa jiraatus bu’aa galmeessisuusaa dubbataniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Beeniishaangul Gumuuz ob. Ashaadilii Hasan, abbootiin qaneenyaa biyya keessaafi alaa dame tuurizimii naannichaatti yoo hirmaatan ofis biyyas akka fayyadan beeksisaniiru.

Qophii kanaan qabeenyi seena qabeessiifi aadaa akka daawwataman, qabeenyi hawata tuuristii misoomsuun haala danda’amurratti mariin akka taasifamu ni eegama.

Dhaadannoo”tuurizimiif yaada haaraa”kabajamaa kan jiru guyyaan tuurizimii biyyaalessaa 35ffaa amma Fulbaana 15tti itti fufa,

Qophii kanarrattis naannoleen addaddaafi hooggantoonno olaanoo hirmaachaa akka jiran riippoortarri TOI achitti argamu gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015